Fana: At a Speed of Life!

Hidhni Rib Onkololeessa 18 ebbifama

0 122
Finfinnee, Onkololeessa 2,2011(FBC)- Hidhni Rib Onkololeessa 18, 2011 ebbifama.
 
Hidhichi naannoo Amaaraa godina Goondar Kibbaa keessatti Birrii biiliyoona 4n ijaarramaa tureera.
 
Hidhni Rib dheerina meetira 800 fi ol ka’iinsa meetira 73.5 qaba.
 
Jallisii lafa heektaara kuma 20 kan misoomsu yammuu ta’u, bishaan meetir kiyuubii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 34 qabachuu danda’a.
 
Ijaarsi hidhichaa bara 2000 kan eegalame yammuu ta’u, baajata qabameef dachaa 3 fixuudhan xumurameera.
Comments
Loading...