Fana: At a Speed of Life!

Gibtsi namoota 17 irratti murtii du’aa dabarsite

0 179

Finfinnee, Onkololeessa 2,2011(FBC)-Gibtsi namoota bataskaana keessatti boombii dhoosun himataman 17 murtii du’aan akka adabaman murteessite.

Manni Murtii Gibtsi bara faraanjootaa 2016/17 bataskaana keessatti boombii dhoosun lubbuu namoota 3 akka darbu godhan 17 du’aan adabamuu miidiyaalen gabaasaniiru.

Yakka kanaan walqabatee namoota 19 adabbii umurii guutuu itti yoo murteessu, namoota 10 ammoo hidhaa cimaa waggaa 10-15 adabeera.

Haleellaa manneen amantaa irratti raawwatameen lubbuun namoota 3 darbe Shoroorkeessaa ISIS itti gaafatamummaa fudhatee ture.

Comments
Loading...