Fana: At a Speed of Life!

DP Woorld buufata Barbaraa misoomsufi

0 139
Finfinnee, Onkololeessa 2,2011(FBC)- Dhaabbanni Emmireetota Arabaa Gamtooman; DP Woorld buufata Barbaraa misoomsufi.
 
Buufatichi misoomun Ityoophiyaadhaf carraa buufataaleetti fayyadamuu kan babal’isu ta’uu preezdaantiin Soomaaliilaand Muusaa Bihi Abdii himaniiru.
 
Kun ammoo naannoo baha Afrikaa diinagdeedhan walitti hidhuuf ga’ee olaanaa qabaata jedhaniiru.
 
Sagantaan koontiraata hojii jalqabbii buufatichaa kaleessa ifoomera.
 
Buufanni Barbaraa Finfinnee qofaaf osoo hin taane, Kaartuumifis faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu preezdaantichi eeraniiru.
 
Ityoophiyaan buufata Jibuutiitti olaantummaadhan fayyadamaa jiraattus, buufata Sudaan, Eertiraa fi Barbaraatti fayyadamuuf hojjechaa jirti.
 
Dhagaan bu’uuraa misooma marsaa jalqabaa buufatichaa kaleessa kaa’ameera.
 
Ijaarsii fi haaromsi kunis waggaatti akka xumuramu kan ibsame.
 
Hojiin kunis tajaajila buufatichaa %50n kan guddisudha.
 
Baasin misooma buufatichaa hin eeramne.
 
Haata’uutii bu’uuraalee misooma geejibaa buufatichaa Ityoophiyaadhan qunnamsiisudhaaf Doolaarri miiliyoonni 100 qabamuun eerameera.
 
Ityoophiyaan ga’ee buufatichaa keessaa %19, DP Woorld %51, Soomaaliilaand ammoo %30 qabu.
Comments
Loading...