Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee barnoota olaanotti baruu barsiisun akka hin gufanne hunduu ga’eesaa ba’achuu qaba- obbo Dammaqaa

0 180

Finfinnee, Onkololeessa 2,2011(FBC)- Haalli baruu barsiisuu dhaabbilee barnoota olaanoo bara barnootaa 2011tti nagaa akka ta’u qindoominaan hojjetamuu qaba jedhan itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan.

Obbo Dammaqaan bakka buutota dhaabbilee barnoota olaanoo addaddaa fi bakka buutota hawaasaa lakkoofsan 1500 ta’an waliin Waajjira Muummee Ministiraatti mari’ataniiru.

Haalli baruu barsiisuu dhaabbilee barnoota olaanoo bara kanaa nagaa fi tasgabbaa’aa akka ta’u hunduu ga’eesaa ba’achuu akka qabu itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan dhaamaniiru.

Hirmaattonnis maddoota rakkoodha jedhanii fi kallattii furmaataa kaasaniiru.

Comments
Loading...