Fana: At a Speed of Life!

Tuurk Invastimantii haaraa ifoomsite

0 100
Finfinnee, Onkololeessa 1,2011(FBC)- Tuurk sagantaa invastimantii diinagdee haaraa ifoomsite.
 
Sagantaan invastimantii diinagdee haaraan kun guddina galmaa’e itti fufsiisuu, oomishtummaa jajjabeessuu fi jireenya lammiilee fooyyessuuf kan xiyyeeffate jedhameera.
 
Sagantaan haaraan kunis bara Faranjootaa 2019 eegalee amma 2021tti hojiirra kan ooludha.
 
Preezdaantiin Tuurk Resiip Xayib Erdoohaan qaala’iinsa gatii hir’isuu, jireenya lammiilee tumsuu fi dandeettii waa bituu maallaqaa guddisuuf duursi kan laatamu ta’uus ibsaniiru.
 
Sagantichaan haalli dirqisiisan yoo uumame malee, proojaktoonni haaran akka hin qabamin eerameera.
 
Maddi; Anaadooluu
Comments
Loading...