Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Tigraay himata lammiilee Eertiraa 43 adda kute

0 113
Finfinnee, Onkololeessa 1,2011(FBC)-Imala araara Ityoophiyaa fi Eertiraa gidduutti eegalame cimsuuf himanni Eertiraanota 43 adda cituu Biiroon Haqaa naannoo Tigraay beeksiise.
 
Itti gaafatamaan Biirichaa obbo Amaanu’eel Asaffaa akka ibsanitti,walii galtee araara biyyoota lamaanii dura seeran ala gara naannoo Tigraay galuu isaanitiin kan too’taman ta’uu ibsaniiru.
 
Ammatti walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii boqonnaa haaraa irra waan gaheef, jalqabbii kana ammoo cimsuun waan barbaachisuuf himata adda kutuu ibsan.
 
Gama biraanis yakka walfakkaatun shakkamanii lammiilen Ityoophiyaa too’annoo jala turan 33 mootummaan Eertiraa himata irraa kaasuu ibsaniiru.
Comments
Loading...