Fana: At a Speed of Life!

Muummen ministiraa Xaaliyaan; Juuseeppee Koontee Finfinnee galan

0 164
Finfinnee, Onkololeessa 1,2011(FBC)-Muummen ministiraa Xaaliyaan; Juuseeppee Koontee daawwii hojii guyyoota 2f Finfinnee galan.
 
Muummee ministiraa Juuseeppe Koontee Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yammuu ga’an muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, ministirri Dhimma Alaa Dooktar Warqinah Gabayyoo, ministiroonni biroo, hoggansi mootummaa fi hawaasni Xaaliyaanii Ityoophiyaa jiraatu simannaa taasiseefira.
 
Ulfina isaanitiifis madfiin dhukaafameefira.
 
Muummee ministiraa Juuseeppe Koontee affeerraa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahmad taasisaniifini gara Ityoophiyaa kan dhufan.
 
Dureewwan lamaan dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii, daldala, invastimantii fi nageenya naannichaa irrratti ni mari’atu jedhameet eegama.
 
Daawwannaan Juuseppee Koontee hariiroo diippiloomaasii biyyoota Awrooppaa cimsuuf iddoo olaanaa qaba.
 
Koonten itti aanaa koomiishinara Gamtaa Afrikaa Kiwaasii Kwaarteey waliin wal arganii ni mari’atu jedhameet eegama.
 
Juuseeppee Koonteen daawwii Ityoophiyaa erga xumuraniin booda gara Eertiraa ni imalu jedhamee eeggama.
 
Ityoophiyaa fi Xaaliyaan hariiroo diippiloomaasii waggaa 100 ol lakkoofsise qabu.
Comments
Loading...