Fana: At a Speed of Life!

Muummeen ministira Xaaliyaan Juuseppee Koontee har’a Finfinnee galu

0 88
Finfinnee, Onkolooleessa 1,2011(FBC)-Muummeen ministira Xaaliyaan Juuseppee Koontee daawwii guyyoota Lamaaf har’a Finfinnee galu jedhame.
 
Juuseppe Koontee affeerraa Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahmad taasisaniifin gara Ityoophiyaa kan dhufan yoo ta’u, dureewwan lamaan dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii, daldalaa, invastimantii fi nageenya naannichaa irrratti ni mari’atu jedhamee eeggama.
 
Daawwannaan Juuseppee Koontee hariiroo dippilomaasii biyyoota Awurooppaa waliin cimsuuf iddoo olaanaa qaba.
 
Koonteen Itti aanaa Komishinara gamtaa Afrikaa Kiwaasii kuwwartey waliin wal argu jedhameera.
 
Juuseeppee Koonteen daawwii Ityoophiyaa erga xumuranii booda gara Eertiraa ni imalu jedhamee eeggama.
 
Ityoophiyaa fi Xaaliyaan hariiroo dippilomaasii waggaa 100 ol lakkoofsaiise qabu.
Comments
Loading...