Fana: At a Speed of Life!

Manni maree walatajjii idilee gaggeesse

0 201

Finfinnee, Onkololeessa 1,2011(FBC)-Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walatajjii idilee 1ffaan gabaasa  Preezdaant Dooktar Mulaatuu Tashoomaa haasawa taasisan  dhaggeeffateera.

Preezdaant Dooktar Mulaatuu Tashoomaa Fulbaana 28,2011 manneen maree lamaanii karoora mootummaa waggaa dhiyeessan manni marichaa dhaggeeffate.

Gabaasa kana Ministir Deettaa Itti Waamamaa Deeggarsa Mootummaa obbo Amaanu’eel Abrahaam kan dhiyeessan yoo ta’u,bara hojii 4ffaa mana Maree  irratti mootummaan dhimmoota gurguddoo raawwachuu karoorfachuu ibsaniiru.

Ejjannoo mootummaa Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahmad dhiyeessan dhaggeeffachuun deeggarsichi kan mirkanaa’u ta’uu Afa yaa’iin Mana Marichaa Aadde Mufiriyaat Kaamil himaniiru.

Gama biraanis qabo yaa’ii bara hojii 3ffaa waltajjii arifachiisaa 2ffaa sakatta’uun sagalee guutun mirkanaa’ee jira jedhameera.

 

Comments
Loading...