Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshiniin Misooma Paarkota Indaastirii qooda fudhattoota waliin mari’ate

0 111
Finfinnee, Onkololeessa 1,2011(FBC)- Koorporeeshiniin Misooma Paarkota Indaastirii marii qooda fudhattoota waliin hojjechuu isa dandeessisu gaggeesse.
 
Koorporeeshinichi Ministeera Misooma Magaalaa fi Manneenii, Ministeera Indaastirii, Ministeera Dhimma Hojjeta fi Hawaasummaa, Ministeera Geejibaa fi qaamolee biroo dhimmi isaan ilaallatu waliin mari’ateera.
 
Paarkonni indaastirii ijaaramanii fi ijaarsarra jiran guddina biyyaatif ga’ee olaanaa waan qabaniif, qaawwa odeeffannoo fi waliin hojjechuu furuun sirnaan faayidaarra oolchurratti waliigalameera.
Comments
Loading...