Fana: At a Speed of Life!

Jilli Aadde Xayiibaa Hasaniin durfamu lammiilee buqqa’an daawwate

0 146
Finfinnee, Onkololeessa 1,2011(FBC)-Jilli Itti Aantuu Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aadde Xayiibaa Hasaniin durfamu Lammiilee Beenishaangul Gumuz irraa buqqa’an daawwateera.
 
Buqqaatoota godina Wallagga Bahaa buufataalee qubannaa Magaalaa Naqamteefi Aanaa Saasiggaa qubatan daawwatan.
 
Qaqqabamummaa deeggarsa kutaaleen hawaasaa addaa addaa taasisaa jiraniif galateeffachuun, hanga lammiileen buqqa’an qe’eefi qabeenya isaaniitti deebi’anitti deggarsi eegalame cimee itti fufuu akka qabu Aadde Xayiibaan dhaamaniiru.
 
Kana malees jilichi istaadiyeemii Wallaggaa ijaarsi isaa dhibbentaa 97 irra gahe daawwateera.
Comments
Loading...