Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Xaaliyaan liqaa fi deeggarsa Yuuroo miiliyoona 22 mallatteessan

0 126

Finfinnee, Onkololeessa 1,2011(FBC)- Ityoophiyaa fi Xaaliyaan liqaa fi deeggarsa Yuuroo miiliyoona 22 walii mallatteessan.

Yuuroo miiliyoonni 17 liqaadhan kan laatamu yammuu ta’u, Yuuroo miiliyoonni 5 ammoo deeggarsaan kan laatamu.

Karaa Ityoophiyaatin ministir deettaa Ministeera Maallaqaa fi Walta’umsa Diinagdee obbo Admaasuu Nabbabaa, karaa Xaaliyaanitiin ammoo ministir deettaan Ministeera Maallaqaa fi Walta’umsa Diinagdee Xaaliyaan Arturoo Luuzii mallatteessaniiru.

Deeggarsii fi liqiin kenname dhiyeessii bishaan dhugaatii magaala fi ittisa balfa dhangala’aa fooyyeessuuf kan ooludha jedhameera.

 

Comments
Loading...