Fana: At a Speed of Life!

Hojjetaan FBC obbo Muluqan Birhaanuu du’aan boqotan

0 205
Finfinnee, Onkololeessa 1,2011(FBC)-Faanaa Broodkaastingi Koorporeetitti Itti Aanaa Daarektara Gaazexeessummaa Teeknooloojii Miidiyaa fi Giddugala Leenjii Kominikeeshinii kan turan obbo Muluqan Birhaanuu addunyaa kanarraa du’aan boqotan.
 
Sadaasa bara 1994 irraa eegalee dhaabbaticha keessatti ogummaa isaanitiin hanga guyyaa lubbuun isaanii dabartuutti tajaajilaa turanii jiru.
 
Obbo Muluqan Birhaanuu dhibee tasaa isaan muudateen Hospitaala Qiddus Phaawuloositti wal’aanamaa turuun Fulbaana 30/2011 lubbuun isaanii darbee jira.
 
Sirni awwaalcha isaanis mana amantaa Barkat Gabreelitti guyyaa har’aa raawwatamee jira.
 
Obbo Muluqan Birhaanuu abbaa maati ijoollee dhiiraa tokko fi dubara tokkooti.
 
Manaajimantiin fi hojjeettootni Faanaa Broodkaastingi Koorporeeti gadda guddaa itti dhaga’ame ibsuun maatii fi firoottan isaanif jajjabina hawwaniiru.
Comments
Loading...