Fana: At a Speed of Life!

ABOn hin hiikkadhu hin jedhu- MM Dr Abiy

0 183

Finfinnee, Fulbaana 30, 2011(FBC)-Mootummaan jaarmiyaaledhaaf waamicha kan taasise biyya waliinii ijaaruf akka ta’e muummee ministiraa Dr Abiy Ahimad himan.

MM Dr Abiy marii miseensota raayyaa ittisaa waliin taasisaniin boodabsa har’a ibsa miidiyaaledhaaf laataniin akka beeksisanitti ABO dabalatee jaarmiyaaleen biroo biyya takka qabu.

Ijaarsa biyyaatif ammoo yaadaa malee meeshan waraanaa hin barbaachisu jedhaniiru.

Dhiyeenyattis jaarmiyaalee alaa galan waliin mariin kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.

Ololli miidiyaalee hawaasummaarratti oofamu garuu soba ta’uu hawaasni hubachuu akka qabu MM Dr Abiy dhaamaniiru.

Comments
Loading...