Fana: At a Speed of Life!

Mootummaa waliin kan waliigalle haala waraana biyyoolessaa cimsuun danda’amurratti- obbo Daawud Ibsaa

0 404

Finfinnee, Fulbaana 30, 2011(FBC)- Mootummaa waliin kan dubbannee fi waliigalle haala waraana biyyoolessaa cimsuun danda’amurratti jedhan hogganaan Adda Bilisummaa Oromoo obbo Daawud Ibsaa.

Har’a addatti FBC’f akka himanitti Waraana Bilisummaa Oromoo hidhatee jiru haala qaama nageenya Oromiyaa fi Ityoophiyaa eegu waliin michoomee hojjatu irratti mari’atame.

Waraanni Bilisummaa Oromoo 1300 ta’u Eertiraa ture gara biyyaa galee nageenya biyyaa tiksuuf akka tolutti leenjin kennamaafii jira jedhan.

Erga biyya keessa galaniiyis, koreen dhimma kana hordofu hojii eegaluu baatus, nuti mootummaa waliin haasofneerra jedhan.

Adeemsi kunis yeroo dhihootti akka milkaa’u abdii fi obsaan eegaa jirraa himan obbo Daawud Ibsaa.

Addi Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessa socho’uun yemmuu hawaasa dubbisaa turanitti qaamni nageenya Oromiyaa tumsa ol’aanaa taasisaafii akka ture himaniiru.

Geetaachaw Muul’ataatu gabaase.

Comments
Loading...