Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiyyii fi obbo Dammaqaan miseensota raayyaa ittisaa mariisisan

0 421
Finfinnee, Fulbaana 30, 2011(FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan miseensota raayyaa ittisaa waliin mari’atan.
 
Dooktar Abiy miseensota raayyaa ittisaa rakkoo tibbana naannoo magaalaa Burraayyuu fi Finfinneetti mudatee ture tasgabbeessuuf ergama fudhatanii dhufan waliin mari’ataniiru.
 
Miseensonni raayyaa ittisaa kanneen Dooktar Abiy osoo hin argatin gara Hawaasaa hin dabarru jechuu isaanii janaraal koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Federaalaa Zaynuu Jamaal FBCtti himaniiru.
 
Booddee marii taasifameen badii isaanii amananiiru jedhan koomiishinarichi.
 
Miseensonni raayyaa ittisaa maricharratti hirmaatan itti gaafatama isaanif laatamee fi dirqama isaaniirratti gaaffii kaasanii irratti mari’atameera.
 
Obbo Dammaqaan miseensota raayyaa ittisaa kanneen kan dubbisan yammuu ta’u, raayyan ittisaa akkuma lammiilee kaanii dhaggeeffatamuu qaba jedhaniiru.
 
Miseensonni raayyaa ittisaatis jijjiirramni eegalame akka hin gufanne ga’ee isaanii ba’achuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
 
Galiin keenya gadi aanaa waan ta’eef jireenya keenya waaradhaan gaggeeffachuu hin dandeenyenis gaaffii kaasaniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad miseensota raayyaa ittisaa mariisisan; puushaappii hojjechiisanii irbaata affeerudhaan gaggeessaniiru.
Comments
Loading...