Fana: At a Speed of Life!

Istaadiyamiin wallaggaa waggaa 10ffaa isaatti ebbifamuufi

0 183
Finfinnee, Fulbaana 30,2011(FBC)- Istaadiyamiin Wallaggaa waggaa 10ffaa isaatti Sadaasa, 2011 ebbifamuufi.
 
Ijaarsi istaadiyamichaa bara 2001 ture hirmaannaa ummataatin kan eegalame.
 
Jalqabbii isaarratti waggaa 5 keessatti xumuruuf karoorfamus, amma ammaatti harkifatee tureera.
 
Buusin ummataa waan hanqateef mootummaan deeggarsa taasisuun hojjetamaa tureera.
 
Akka hoji gaggeessaan ijaarsichaa obbo Tashoomaa Gammadaan jedhanitti raawwin ijaarsa giddu gala oolmaa dargaggootaa fi istaadiyamii Naqamtee %97rra ga’eera.
 
Ijaarsi proojaktichaa yammuu eegalamu Birrii miiliyoona 208tu qabame.
 
Haata’uutii raawwii amma irra jiruun Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 68 fixuun eerameera.
Comments
Loading...