Fayyaa sammuu keenyaa eegudhaaf
Finfinnee, Fulbaana 30,2011(FBC)- Waggaa waggaadhan Fulbaanni 30 guyyaa fayyaa sammuu addunyaa ta’eet kabajama.
Guyyichi Ityoophiyaatti mata duree “Dargaggootaa fi fayyaa sammuu, addunyaa jijjiirramaa jiru keessatti” jedhuun kabajamaa jira.
Haalli sammuu keenyaa umrii waliin jijjiirramaa kan deemu yammuu ta’u, hojiin sammuutis bifuma kanaan dabalaa fi geeddaramaa deema.
Sammuun keenya rakkoo fayyaa fi umriirraa kan ka’e miidhamuu mala.
Haata’uutii fayyaa samuu keenyaa eeggachuu ni dandeenya;
1. Sochii qaamaa hojjechuu
Dhiigni ooksijiinidhaan guutame gara sammuu keenyaa akka deddeebi’u, hiddoonni dhiigaa akka baay’atanii fi sammuun keenya hojiisaa sirnaan akka hojjetu deeggara.
Seelonni narvii haaraan akka guddatanis ni gargaara. Kun ammoo qunnamtiin qaama sammuu keenyaa akka jajjabaatan tumsa.
2. Soorrata sirreeffachuu
Soorrata mijataa fi madaalawaa nyaachun fayyaa qaama keenyaf barbaachisaadha.
Qurxummii, fudraa fi mudraa, lawzii, nyaata prootiinii qabu nyaachun fayyaa sammuutif murteessadha.
3. Dhiibbaa dhiigaa fi ammeentaa sukkaara dhiiga keessaa
Dhiibban dhiigaa fi dhibeen sukkaaraa sammuu keenya ni miidhu.
Kanaaf saaxilamummaa keenya ittisuu, haala jireenya keenyaa salphisuu, sochii qaamaa taasisuun murteessadha.
4.Tamboo xuuxuu dhaabuu, alkoolii hir’isuu, dhiphina hir’isuu fi nyaata sirreeffachuun barbnaachisaadha.
5. Miirarra keessa galuurraa fagaachuu
Waanuma salphaadhan aaruu, baay’isanii dhiphachuu fi mukaa’uu dhaabun murteessadha.
6. Hariiroo hawaasummaa
Hariiroo gaarii namoota waliin qabaachun fayyaa samuu keenyaf barbaachisaadha.
Maddi; www.health.harvard.edu