Fana: At a Speed of Life!

Balaa konkolaataa Keeniyaatti qaqqabeen lubbuun namoota 50 darbe

0 722

Finfinnee, Fulbaana 30,2011(FBC)-Konkolaataa Naayiroobii irraa gara magaala Lixaa Kakamegaatti imalaa ture irra balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 50 darbee jira.

Poolisiin akka ibsetti konkolaatichi diichii keessatti kufuun balaan kun qaqqabe jedheera. Konkolaatichi namoota 52 fe’ee imalaa ture.

Akka ragaan mul’isutti Keeniyaatti waggaatti balaa konkolaatan lubbuun namoota kuma 3 ni darba jedha, haa ta’u malee ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Keeniyaatti waggaatti lubbuun namoota kuma 12tu darba jedheera.

Madda: Aljeeziraa

 

Comments
Loading...