Fana: At a Speed of Life!

Waldhabbiin Chaayinaa fi Ameerikaa diinagdee addunyaa akka miidhu himame

0 103
Finfinnee, Fulbaana 29,2011(FBC)- Ameerikaan waraana daldalaa bante akka dhaabdu Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa akeekkachiise.
 
Waraanni daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaan itti jiran addunyaan akka hiyyoomtu taasisaan akeekkachiisera dhaabbatichi.
 
Dhaabbatichi qorannaa diinagdee addunyaarratti gaggeessera jedheen, waldhabbii siyaasaa danqaa daldalaa gochuun diinagdee addunyaa laamshessa jedheera.
 
Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa bara Faranjootaa kanatti tilmaama diinagdee addunyaarratti gaggeessen, guddinni muul’atu kan hir’atu ta’uu eerera.
 
Rakkoon daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaan itti jiran diinagdee addunyaa miidhuu akka malus kaasera.
 
Waraanni daldalaa biyyoota lamaanii namoota dhuunfaa, daldaltootaa fi diinagdee biyyootii miidhuu akka malus eerera.
 
Amma waldhabbiin siyaasaa Chaayinaa fi Ameerikaa daldalarraa hin kaanetti, addunyaan ni miidhamtiinis yaadasaa kaa’era.
 
Chaayinaan waraana daldalaa Ameerikaarraa itti baname qolachuuf oomishaalee Ameerikaadhaa Chaayinaa galanirratti qaraxa Doolaara biiliyoona 60 keessetti.
 
Ameerikaan gama isheetin Chaayinaan dubbii akkanaa akka dhaabdu akeekkachiistetti.
 
Ameerikaan baatii darbee kaasee oomishaalee Chaayinaa Ameerikaa galanirratti qaraxa Doolaara biiliyoona 200 kaa’un ishee ni yaadatama.
 
Guddinni diinagdee addunyaa bara Faranjootaa 2018/2019tti 3.9% ta’eet galmaa’an tilmaamamaa turus, haala amma irra jiruun 3.7% ta’aan eerameera.
 
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...