Gulaallii waancaa Afrikaaf boru Ityoophiyaan Keeniyaa simatti
Finfinnee, Fulbaana 29,2011(FBC)-Gulaallii waancaa Afrikaaf boru Ityoophiyaan fi Keeniyaan istaadiyeemii idil addunyaa Bahaar Daaritti waliin taphatu.
Taphni ramaddii waancaa Afrikaa marsaa 3ffaa kun boru sa’aatii 10:00 irratti gareen kan gaggeeffamuudha.
Gareen biyyaalessaa Ityoophiyaa Waaliyaan guyyoota darban Bahaa Daaritti shaakkallii taasisuun tapha kanaaf qophii gahaa gochuu ibsameera.
Tapha gulaallii kanaan gareen biyyaalessaa Ityoophiyaa Seeraa Liyoon 1 fi 0 injifachuun isaa ni yaadatama.
Ramaddii kana keessatti Ityoophiyaa, Keeniyaa, Seeraa Liyoon fi Gaanan waliin ramadamanii jiru.