Fana: At a Speed of Life!

Ambasaaddarri Ameerikaa DhMGitti Niikkii Haaley hojii gadhiisan

0 122

Finfinnee, Fulbaana 29,2011(FBC)-Preezdaantin Ameerikaa Doonaald Traamp hojii gadhiisuu Ambaasaaddara Ameerikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii  Niikkii Haaley fudhatan.

Haaley bara faraanjootaa 2017tti ambaasaaddara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uun muudaman.

Hojii gadhiisun isaanii fudhatama argatus hojii yoom akka dhaaban wanti ibsame hin jiru.

Dubbi himtuun masaraa Adii Saaraa Saandraas, Doonaald Traamp fi Ambaassaaddar Niikkii Haaley guyyaa har’aa waliin ni mari’atu jedhaniiru.

Comments
Loading...