Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Paul Biyaa marsaa 7ffaaf filataman

0 148

Finfinnee, Fulbaana 28,2011(FBC)-Preezdaantin Kaameruun Paul Biyaa yeroo 7ffaaf  filannoo tibbana gaggeeffame injifatan.

Filannoon gaggeeffamaa ture yeroo ammaa kanatti kan xumurame yoo ta’u, gareen afaan Ingliffaa dubbatan mormii kaasanii turan.

Suuran Paaul Biyaa poostariiwwan gurguddaan dhaadannoo garaa qabatanii daandii magaalaa gubbaatti maxxanafamaniiru.

Ummatni biyyattie Paul Biyaan muuxxannoo qabaniin biyya isaanii hogganuu akka danda’an abdii horataniiru.

Preezdaant Paul Biyaan kanaan dura marsaa Jahaaf waggaa 36 biyyattii kan bulchan yoo ta’u ammas marsaa 7ffaaf filatamaniiru.

Kaameruun biyyoota malaanmaltummaan hundee keessatti fageeffate keessa ishee tokkoodha.

Madda: BBC

Comments
Loading...