Fana: At a Speed of Life!

Gosoota nyaataa ayiranii gahaa argachuuf gargaaran

0 225

Finfinnee, Fulbaana 28,2011(FBC)-Yeroo baay’ee dadhabbiin namatti dhagahamaa, hafuurri  ciccituu yookaan rukkuttaan onneen kee dabaluun  dhibee hir’ina dhiigaa kan rakkoo hir’ina ayiranii irraa dhufuu dha.

Dhibeen kun biyya Ingliiz keessatti shamarraniifi dubartoota umuriin baay’ee hin deemiin irratti bal’inaan mul’ata.

Akka xinxallii saayinsaawaa koreen gorsitu soorata mootummaa Ingliziin bara 2011 keessa dhihaatetti, dubartoota umuriisaanii ganna 19-34tti jiran keessa %21 sadarkaa eegamuu gaditti, hir’ina ayiranii qabu jedha.

Mallattooleen armaan olitti xuqaman, guutummaa guutuutti dhibee kana agarsiisu jechuu miti, dhibee biroon mallattoo walfakkaataa qabanis ni jiraatu.

Kanaafuu gara mana yaala deemuun, dhiigni ofii qoratamee dhibeen kun erga adda bahee booda qorichaan akka salphaatti fayyuun ni danda’ama.

Qaamni keenya ayiranii ykn sibiila ofiin hin oomishu waan ta’eef, Ayiranii kan argannu soorata nyaannu keessa qaamni keenya xuuxuu ykn ofitti kan fudhatu irraayi.

Haa ta’u malee ayirooniin hundi haala walqixa ta’een qaama keenyaan xuuxamuu ykn fudhatamuu dhiisuun rakkoo isa biroodha.

Gosootni nyaata ayiranii gahaa argachuuf gargaaranis,kuduraalee baala magariisa ta’an hanga danda’ameetti dheedhii yookaan hurkanii nyaachuu.

Qosxaa hanga tokko affeelanii nyaachuu , qosxaan ammoo wayita affeelamu qabiyyeen ayiroonii isaa akka daran dabalu taasisa.

Daabboo bukaa’ee hojjetame nyaachuunis guddoo faayidaa qabeessa.

Nyaata keenyaa waliin waan Vitaamiin C qabu nyaachuu ykn dhuguu.

Foon diimaan (kan cooma hinqabne) qabiyyee ayirooniin baay’ee badhaadhadha,kana qofa utuu hintaane, ayironii foon diimaa keessatti argamuus akka salphaatti qaama namaan kan xuuxamuudha.

Midhaan dheedhiin akka ataraafi missiraas qabiyyee ayiroonii kan siriitti qabaniidha.

Comments
Loading...