Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee; Nifaas Silk Laaftotti lafti seeraan ala qabame kaaree meetirri kumni 38 dargaggootaf kenname

0 164
Finfinnee, Fulbaana 28,2011(FBC)- Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Nifaas Silk Laaftotti lafti seeraan ala qabamee ture kaaree meetirri kumni 38 dargaggoota dhagaa baasuun gurmaa’aniif kenname.
 
Lafichi dargaggoota waldaalee 28n gurmaa’an 1040f kennamuusaa Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee eerera.
 
Itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman dargaggoota magaalichaa walitti qabuudhan mariisisaa turuun isaanii ni yaadatama.
 
Dargaggootaf carraa hojii uumudhaaf kutaalee bulchiinsa magaalichaa hundatti hojii walfakkaataan kan hojjetamaa jiru ta’uun eerameera.
Comments
Loading...