Fana: At a Speed of Life!

Netaanyaahuun dhimma Sooriyaa irratti Puutin waliin mari’achuufi

0 108

Finfinnee, Fulbaana 27,2011(FBC)-Muummeen ministira Israa’el Beenjaamin Netaanyaahuun yeroo dhiyootti dhimma Sooriyaa irratti mari’achuuf preezdaantii Raashiyaa Vlaadmer Puutin waliin beellama qabatan.

Netaanyaahuun kana kan him waltajjii kaabinee irratti yoo ta’u, guyyaa beellamaa himuu irraa of qusatanii jiru.

Gama biraanis Puutin waliin bilbilaan waliin haasa’uun haala Sooriyaatti nageenya waaraa fiduu danda’an irratti mari’achuu ibsaniiru.

Naannichatti waldhabbee jiru furuuf dureewwan lamaan wal arguun iddoo olaanaa qaba jedhameera.

Iiraan karaa Sooriyaatin meeshaalee waraanaa hidhattoota Hizboollaf ni dhiyeessiti jechuun Israa’el naannichatti eegumsa cimaa taasisaa jirti.

Madda: CGTN

Comments
Loading...