Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan dhimma Taaywaan tuttuquu akka dhaabdu Chaayinaan akeekkachiiste

0 158
Finfinnee, Fulbaana 26,2011(FBC)- Ameerikaan dhimma Taaywaan keessa galuu akka dhaabdu Chaayinaan akeekkachiiste.
 
Chaayinaan filannoo Taaywaan burjaajessaa jirtiin Maayik Peensin kan dubbatan dhara ta’uus Chaayinaan himteetti.
 
Imaammata Chaayinaan iddoolota kiyya jettuunirratti Ameerikaan kabajaa akka laattus Beejiing gaafatteetti.
 
Odu himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Huwaa Chuuyiing Ameerikaan dhimma Taaywaan tuttuquu akka dhaabdu, Taaywaan qaama Chaayinaa ta’uu akka kabajju, humnoota bilisummaa Taaywaan akka balaaleffattus dhaamtetti.
 
Itti aanaan preezdaantii Ameerikaa Maayik Peens gama isaanitiin Chaayinaan dhiibbaa Taaywaanirraan ga’aa jirtu akka dhaabdu gaafataniiru.
 
Akka itti aanaa preezdaantichaatti Chaayinaan biyyoota ollaarratti dhiibbaa uumudhaan hariiroo isaan Taaywaan waliin qaban adda kutanii Chaayinaa waliin akka taasisan barbaaddi.
 
Odu himaan ministeerichaa garuu tuttuqqiin Taaywaanirratti gaggeeffamu ariitidhaan dhaabbachuu qabaan akeekkachiisaniiru.
 
Ameerikaan, Taaywaan qaama Chaayinaa ta’uu amantus, harka wayaa jalaatin Chaayinaa aarsudhaaf itti fayyadamti.
 
Baatii darbe Ameerikaan meeshaa jijjiirraa fi suphaa xiyyaarota loltummaa Doolaara miiliyoona 330 Taaywaanitti gurguruuf raggaasisuun ishee ni yaadatama.
 
Maddi; Prees TV
Comments
Loading...