Fana: At a Speed of Life!

Vlaadmer Puutin turtii guyyaa lamaaf Hindi galan

0 93

Finfinnee, Fulbaana 25,2011(FBC)-Preezdaantin Raashiyaa Vlaadmer Puutin daawwii fi walii galtee deeggarsa baajata meeshaa waraanaaf Hindi galaniiru.

Raashiyaan walii galtee deeggarsa waraanaa Doolaara Biliyoona 5 Hindiif akka gootu ibsameera.

Muummeen Ministira Hindi Narendraa Moodi kaleessa galgala Puutin magaala Niiw Deelhitti simachuun affeerraa irbaataa taasisaniifiru.

Guyyaa har’aas walii galtee20 ol biyyoota lamaan gidduutti ni mallatteessu jedhamee eeggama.

Madda: Aljeeziraa

Comments
Loading...