Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Briitaaniyaan waliigaltee deeggarsa Birrii biiliyoona 6.3 mallatteessan

0 189
Finfinnee, Fulbaana 25,2011(FBC) – Ityoophiyaa fi Briitaaniyaan waliigaltee deeggarsa Birrii biiliyoona 6.3 walii mallatteessan.
 
Waliigalticha karaa Ityoophiyaatin ministir deettan Ministeera Walta’umsa Maallaqaa fi Diinagdee obbo Admaasuu Nabbabaa, karaa Briitaaniyaatin ammoo ministir deettan dhimma Afrikaa Haareet Baaldwiin mallatteessaniiru.
 
Deeggarsichi qulqullina barnoota Ityoophiyaa fooyyessuu, invastimantii Ityoophiyaatif haala mijeessudhaaf oola.
 
Maallaqni deeggarsa barnootatiif laatamu carraa barnootaa lammiilee dhabaniif; daa’imman qaamaa miidhaman, barnoota sadarkaa 1ffaan duraaf, sadarkaa 1ffaaf, sadarkaa 2ffaaf keessumaa naannoo Afaar, Beenishaanguul Guumzii fi Afaaritti waliin ga’uuf oola.
 
Deeggarsi biroommoo invastimantii babal’isuu, damichaaf haala mijeessuu, oomisha alergii fi maanufaakchariingii jajjabeessuuf oola jedhameera.
Comments
Loading...