Fana: At a Speed of Life!

Niijar lakkoofsa namoota busaadhan du’an dabalteettan hojjettuu gargaarsaa ariite

0 76

Finfinnee, Fulbaana 24,2011(FBC)- Niijar lakkoofsa namoota busaadhan du’an dabalteettan hojjettuu gargaarsaa ariite.

Akka Niijar jettutti lakkoofsi kaa’ame kan sobaati.

Aanii Piiteeteen Dhaabbata Gargaarsaa Ogeeyyii Yaalaa Daangaa Hinqabne keessa tajaajilti.

Aanii Piiteeteen magaalaa xiqqoo Kibba Niijaritti argamtu Maagaariyaa keessatti guyyaatti daa’imman 10 rakkoo hanqina nyaataa fi dhibee busaatin ni du’uun gabaastet turte.

Gabaasa isheen dhiyeessiteen booda Ministeerri Eegumsa Fayyaa Niijar gabaasichi soba ta’uu ibseera.

Ogeeyyin yaalaa dhibee busaarratti hojjetan ammoo Muddeedhaa amma Fulbaana walakkaatti lakkoofsi namoota du’anii 67 qofa jedhu.

Sadarkaa biyyaattimmoo namoonni miiliyoonni 1 ol dhibee busaatif saaxilamaniiru.

Kanneen keessaammoo namoonni 1554 du’aniiru.

Maddi; CGTN

 

Comments
Loading...