Fana: At a Speed of Life!

Buufanni xiyyaaraa Baalee Roobee tajaajila eegale

0 5,049

Finfinnee, Fulbaana 24,2011(FBC)-Buufanni xiyyaaraa Baalee Roobee tajaajila eegale.

Buufatichi kaleessa ifatti ebbifamee tajaajila laachuu eegaleera.

Torbeetti guyyaa 3f; Roobii, Jimaataa fi Dilbata tajaajila balalii ni laata.

Baalee Roobedhaa ka’anii Finfinnee galuudhaf kana booda daqiiqan 40 ga’aadha jedhameera.

Ijaarsi proojaktichaa bara 2007 eegalee baajata mootummaa feederaalaa Birri miiliyoona 500 ta’un hojjatamaa tureera.

Bakki buufata Dirree xiyyaaraa kun dheerinni isaa km 3 fi meetira 400, bal’innisaamoo meetira 60 ta’a.

Buufanni xiyaaraa kun xiyyaarota tajaajila adda addaaf oolan Booying 737 dabalatee keessumeessuu akka danda’u himameera.

Comments
Loading...