Fana: At a Speed of Life!

Bakka buutonni paartilee biyyoota 9 Paarkii Indaastirii Hawaasaa daawwatan

0 190

Finfinnee, Fulbaana 24,2011(FBC)- Bakka buutonni paartilee siyaasaa biyyoota alaa 9 Paarkii Indaastirii Hawaasaa daawwatan.

Bakka buutota paartilee siyaasaa yaa’ii ADWUI 11ffaa magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaatan; kan Jibuutii, Sudaan, Keeniyaa, Ruwaandaa, Afrikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Veetinaam, Chaayinaa fi Jarmani paarkicha kan daawwatan.

Hoji gaggeessaan paarkichaa obbo Fitsuum Katamaa keessummoota kanneenif waa’ee paarkichaa ibsa laataniiru.

Ibsa isaanitiinis paarkichatti carraa hojii uumame, oomishti paarkichaa daldala alaarratti kan xiyyeeffate ta’uusaa, cee’umsa gara indaastiriitti taasifamuuf adda duree ta’uu kaasaniiru.

Bakka buutonni paartilee biyyoota alaa miseensota 32 qabu kun paarkichi tajaajila laatu, yaala bishaan balfaa fi warshaa filatame tokko daawwataniiru.

Bizu’aalam Beenyaatu gabaase.

Comments
Loading...