Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant  Dr. Mulaatuu Tashoomaa hoggantoota MTN waliin mari’atan

0 175

Finfinnee, Fulbaana 23,2011(FBC)-Preezdaantin FDRI Dooktar Mulaatuu Tashoomaa dhaabbata  hoggantoota MTN waliin haala Ityoophiyaatti hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru.

Marii kanaanis hoggantootni dhaabbatichaa investimantii Ityoophiyaa keessatti hirmaachuu akka barbaadan ibsaniiru.

Dhaabbatichi mootummaan dhaabbilee misooma mootummaa gara dhuunfatti jijjiiruf sochii taasifamaa jiru hordofuun damee teeknooloojii irratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibseera.

Dooktar Mulaatun dhaabbilee misooma mootummaa walakkaan fi guutumaan guutuutti gara dhuunfatti naanneessuu ifaafi bilisa karaa ta’een fi haala qabatamaa biyyattii ilaalcha keessa galchuun ta’uu hoggantoota kannenif ibsaniiru.

Deemsa piraaveetayizeshiiniin rakkoo biyya biraatti uume akka hin uumamneef of eeggannoon kan hojjetamu ta’uus beeksisaniiru.

Comments
Loading...