Fana: At a Speed of Life!

Sodaa nageenyaarraa kan ka’e DhMG hojjettootasaa Gaazadhaa baasaa jira

0 134
Finfinnee, Fulbaana 22,2011(FBC)- Rakkoo nageenyaa Filisxeem Gaazaatti uumameen Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman(DhMG) hojjettoota isaa lammiilee biyyoota alaa ta’an yeroodhaf baasaa jira.
 
Eejansiin Hojii Deeggarsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka beeksisetti, hojjettoonni Gaazadhaa baafamaa kan jiran rakkoo nageenyaa fi dhiibbaa irra qaqqabuu malu hanbisuufi.
 
Kaleessa qofa hojjettoonni 10 Gaazadhaa gara Israa’eel imalaniiru.
 
Hoggansi eejansichaa kaleessa naannoo hoteela waltajjii gaggeessetti hiriirri gaggeeffamuu isaatin sodaan uumameera.
Kanaan ala hojjettoonni hojiidhaf yammuu bobba’an dhiibban irra qaqqaba jedhameera.
 
Rakkoo nageenyaa kana tasgabbeessudhaaf eejansichi bulchiinsi Gaazaa eegumsa akka taasisuuf gaafateera.
 
Ministeerri Biyya Keessaa Haamaasin gaggeeffamus eegumsa barbaachisaa kan taasisuuf ta’uu beeksiseera.
 
Gaazan to’annoo Haamaas jala jiraachun ni beekama.
 
Comments
Loading...