Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaa fi Kaanaadan hariiroo daldala isaanii cimsuuf waliigalan

0 123

Finfinnee, Fulbaana 21,2011(FBC)- Ameerikaa fi Kaanaadan hariiroo daldala isaanii cimsuuf waliigalan.

Hariiron preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traampii fi muummee ministiraa Kaanaadaa Justiin Truudoo laafaa ture.

Ammaa garuu Ameerikaa fi Kaanaadan hariiroo daldala isaanii cimsuuf waliigalaniiru.

Hariiron ammaa waliigaltee Ameerikaa-Meeksiikoo-Kaanaadaan kanaan dura walii galan kan cimsudha.

Ameerikaan gabaa aannanii fi bu’aalee aannanii Kaanaadaarraa akka fayyadamtu gargaara.

Kaanaadaanis oomisha konkolaattota ishee gabaa Ameerikaatti akka dhiyeeffattu gargaara.

Waliigalteen Ameerikaa fi Kaanaadaa; Naaftan gabaa Doolaara triiliyoona 1 ol keessummeessa ture.

Ameerikaan oomishaalee Meeksiikoo fi Chaayinaadhaa gabaa Ameerikaa galanirratti qaraxa kaa’un ishee ni yaadatama.

Waliigaltee Ameerikaa fi Kaanaadan irra ga’an ilaalchisee waan baay’en eeramuu baatus, hariiroo isaanii ni cimsaan eegama.

Maddi; BBC

Comments
Loading...