Fana: At a Speed of Life!

Indooneezhiyaatti kirkira lafaan lubbuun namoota 800 ol darbeera

0 837

Finfinnee, Fulbaana 20,2011(FBC)-Indooneezhiyaa oddoola Saawulusii magaala Paalutti Jimaata darbe kikira lafaa muudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 800 caaluu ibsame.

Kirkirri lafaa iskeel reektaarii 7.5 galmeessise kun lubbuu namaa dabrsuu cinaatti gamoo magaalichaa baay’ee jijjigsee jira.

Hanga yoonaatti namoonni baay’en gamoo jijjige jalatti kan argaman yoo ta’u,yoo xiqqaate  balaa kanaan namootni 832 du’aniiru.

Dubbi himaan balaa tasaa biyyattii Suutoop Puurwii,namootni miidhaman hospitaalattii yaalamaa jiraachu fi namoota dhabaman barbaadamaa jiran jedhaniiru.

Lakkoofsi namoota du’aniis dabaluu akka danda’u eerameera.

Preezdaantin Indooneezhiyaa Jaakoo Wiidoodoo ibsa kennaniin,hojjettoota yeroo balaa cinaatti humni ittisaa biyyattii deeggarsa akka taasisan ergaa dabarsaniiru.

Namoota miidhan irra gahes kan deeggaraman ta’uu himaniiru.

Indooneezhiyaatti balaan kirkira lafaa yeroo heddu kan muudatu yoo ta’u, ji’a Adoolessa darbe oddoola Lombokoo jedhamutti lubbuu namoota 500 ol galaafatee ture

Madda: BBC

Comments
Loading...