Fana: At a Speed of Life!

Wiirtun Indaastirii Qonnaa Daannoo ebbifame

0 189
Finfinnee, Fulbaana 19,2011(FBC)- Dhaabbanni Namoonni Namootaf, GIZ waliin godina Shawaa Lixaa aanaa Daannotti Wiirtun Indaastirii Qonnaa ijaarsise ebbifame.
 
Wiirtichi Birrii miiliyoona 38 oliin ijaarrame.
 
Dargaggoota naannichaa 400 ol ta’aniif carraa hojii kan uumu ta’uun himameera.
 
Dargaggoonni carraan hojii uumameef, leenjii argachuudhan gurmaa’anii hojiitti galaniiru.
 
Wiirtichatti oomishti dammaa, nyaanni beelladaa fi qindeessi zayitaa hojjechaa jira.
 
Itti gaafatamaan wiirtichaa obbo Dammaraa Aannoo akka jedhanitti, wiirtichi carraa hojii uumudhaan ala qonnaan bulaan oomishasaa dhiyeessudhaan fayyadamoo akka ta’an taasisa.
 
Dhaabbileen tola ooltummaa lamaan; Namoonni Namootaf fi GIZn Proojaktii Misooma Magariisaa Arsii ijaarudhaaf waliigalaniiru.
 
Proojaktichi ijaarramee yammuu xumuramu dargaggoota 500 ol fayyadamoo ni taasisa jedhameera.
 
Comments
Loading...