Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii DhMG, muummee ministiraa fi haadha gaarii

0 168
Finfinnee, Fulbaana 15,2011(FBC)- Muummeen ministiraa Niiw Zilaand; Jaakiindaa Ardeern daa’ima isaanii baatii 3 qabatanii yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti(DhMG) hirmaachaa jiru.
 
Ministirittiin yaa’icharratti biyya isaanii bakka bu’uudhan haasaa taasisaniiru.
 
Miis Jaakiindaa Ardeern amma umrii isaanii waggaa 37ffaa keessa jiru.
 
Muummeen ministiraa Niiw Zilaand tun, hoggansaa fi itti gaafatamummaa qabduun cinaatti haadha gaarii daa’ima isheetif jaalala laattu ta’uushees agarsiistetti.
 
Jaakiindaa Ardeern yaa’icharratti haasaa yammuu taasisan abbaan warraa ishee daa’imattii tabachiisaa tureera.
 
Haasaa yaa’ii nageenya Niilson Maandeellaarratti taasisaniinis, hoggansi Afrikaa Kibbaa duraanii biyya isaanii Niiw Zilaandif oolmaa oolaniif galateeffataniiru.
 
Muummeen ministiraa Niiw Zilaand Jaakiindaa Ardeern daa’ima isaanii umrii baatii 3 Neevee harma hoosisaa biyya isaaniis hogganaa jiru.
 
Yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii torbee tokkoof Niiw Yoorkitti gaggeeffamu kanarra daa’imattiinis hirmaachaa jirti.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...