Fana: At a Speed of Life!

Luukaa Moodriich taphataa urjii FIFA baranaa ta’uun filatame

0 292
Finfinnee, Fulbaana 15,2011(FBC)-Taphataan sarara gidduu Kirooshiyaa fi Riyaal Maadriid Luukaa Moodriich taphataa urjii baranaa FIFA ta’uun filatameera.
 
Moodriich umurii 33 taphataa Juuveentos Kiristaanoo Roonaaldoo fi Liivar Puul Mohaammad Saalaa moo’achuun filatame.
 
Dubartopotan ammoo taphattuun garee biyyaalessa dubartootaa Biraazil Maartan badhaafamtuu balaandoor taatee jirti.
 
Leenjisaa cimaa bara kanaa ta’uun leenjisaan garee biyyaalessa Faraansaay Dideeyer Deeshon filatamaniiru.
Tiiboot Koortuwaan gooli eegaa cimaa bara kanaa ta’uun filatameera.
 
Gama biraan galchiin Mohaammad Saalan bara darbe Evartan irratti lakkoofsiise filatamtee jirti.
 
Deegartootni garee biyyaalessa Peeruu amala gaarii Waancaa Addunyaa irratti agarsiisaniin filatamanii jiru.
 
Madda: BBC
Comments
Loading...