Fana: At a Speed of Life!

Irreecha

0 115
Finfinnee, Fulbaana 15,2011(FBC)- Irreecha; irree Oromoo.
 
Ummanni Oromoo saboota baha Afrikaatti argaman keessa isa tokkodha. Ummanni kun akkuma saboota biroo baroota dheeraa keessatti aadaa fi amantii jireenya hawaasummaa isaa ittiin gaggeeffatu uummachuu danda’ee jira.
 
Kunis haammattuu eenyummaa Oromoo kan ta’e Sirna Gadaa ijaaruun(develop) sirnicha keessatti calaqqeewwan akka Irreechaa, Sirna Gumaa, Guddifachaa, Jaarsummaa, Siiqqee fi kkf bu’uurun jireenya hawaasummaa isaa guutuf malteewwan hedduu uumuu danda’eera.
 
Sirni Gadaa, qajeelcha jiruu fi jireenya uummata Oromoo ta’uun wantoota aadaa, diingdee, haawaasummaa, siyaasaa fi amantaan walqabatan mara haammatee qixa sirriin ijaarun baroota dheeraaf uummaticha tajaajilaa kan tureedha.
 
Kanaaf Irreechi sirna ummanni Oromoo Waaqayyo irraa waan argateef galata itti dhi’eessuu fi kan fuulduraaf immoo kadhatudha.
 
Kunis Sirna Gadaa keessatti seeran taa’ee jira. Irreechi mul’istuu aadaa Oromoo jaarmiyaalee Sirni Gadaa ijaare keessaa isa tokkoodha.
 
Irreechi adeemsa ittiin raawwatamu kan mataa isaa danda’e qaba. Kunis dachee, Samii fi wantoota irratti argaman kanaaf uumaa kan ta’e jiraachuu amanuun isas “Waaqa”jedhanii itti moggaasanii wantoota uumaman kanaan isa raajeffachuun falaasama uummatichaa ta’ee itti fufe.
 
Kana jechuun Oromoon wantoota namaan hojjataman kan akka siidaa, mukkeen, laggeen, gaarreewwan ykn beelladoota bakka Waaqayyoo buusuun itti amanu osoo hin taane; hojii fi humna Waaqa guddaa kana wantoota uumama addaa ta’uun yaada namaatii ol ta’an kanaan isa dinqisiifata.
 
Ayyaanni irreecha kun Oromoon falaasamaa fi ilaalcha addunyaa keessatti jiruu fi humna Waaqaa akkasumas raajii isaa, dhalootaa fi iccitii jireenyaan walittifiduun kan ibsuudha.
 
Sanyiin namaa horee kan baayyatu, kan faca’e du’aa ka’e ija godhatu, atoomsaa fi gargaarsi humna Waaqaa kun haala kanaan mul’achuu isaa raajeffatu.
 
Kanaaf Waaqni kun galateeffamuu fi kadhatamuu akka qabu amanuun Sirna Irreechaa eegale.
 
Adeemsi raawwii Irreechaa kunis iddoo fi yeroon kan murtaa’eedha. Kunis bifa aadaa fi amantii calaqqisiisun kan raawwatamuudha.
 
Irreechi iddoowwan adda addaatti kan gaggeeffamu yoo ta‘u inni gurguddaan iddoo lamatti kan raawwatudha. Isaanis Irreecha Tullufi Irreecha Malkaa jedhamu.
 
A. Irreecha Tulluu
 
Irreechi kun kan gaggeeffamu tullurratti yoo ta’u, wayitiin kun baatiileen bonaa dabranii roobni Arfaasaa yeroo itti eegamuudha.
 
Yeroo waqtiin Bonaa booba malee turuun lafti dhodho’e hongeen namaafi loon miidhe dachee jiituu argachuuf roobni hedduu hawwamudha.
 
Waan kana ta’eef jiddugala baatii Bitooteessarratti maatiin marti gara lafa qabbanaafi jiidha qabutti bahaanii rooba Arfaasa argachuuf Waaqa kan itti kadhataniidha. Tuulluutti bahaanii kadhachuun kun aadaafi falaasama ummata kuushootaa dur durin kan walqabateedha jedhama.
 
Kunis Tulluuwwan gurguddaa naannoo isaanitti argamutti ba’anii seera irreeffannaa gaggeessun kan raawwatamuudha.
 
B. Irreecha Malkaa
 
Irreechi Malkaa kan raawwatu wayita ganni xumuramee Waqtiin birraa seenu baatii Fulbaana keessadha. Yeroo kana Malkaafi Hora gurguddoorratti ba’uun Sirni irreecha ni raawwatama.
 
Baatiin Fulbaanaa jalqaba birraa yoo ta’u, yeroo baay’ee guyyaan kabaja Irreechaa kun “Ayyaana Birraa” jedhamee beekama. Iddoo tokko tokkootti guyyaan irreechi kabajamu guyyaa “xaddacha saaquus” ni jedhama.
 
Kunis akka Oromootti wayitii dabre namoonni galaanaan addaan citanii turan wal-arguuf jecha guyyaa kana akka guyyaa galataafi gammachuutti fudhatu.
 
Kanaaf Oromoonni Malkaa gamaafi gamanaan walitti bahaanii uffata aadaa fi Nyaata Aadaa akkasumas faaruu wareegaa qabachuun ‘Mareewo…Mareewo…!” jechaa Waaqa kadhachaa, faarfachaa fi galateeffachaa (praising) gara Malkaatti deemu.
 
Eebbaa Abbaa Gadaa, Abbaa Malkaa fi angafoota gosaan godhamu booda marga jiidhaa fi abaaboo birraa qabatanii bishaaniin tuqanii Waaqa galateeffachaa irreeffatu. Kana booda gabbisayyoo tabachaa gara qe’ee ofiitti deebi’uun cidha raawwatu.
 
Kaayyoon kadhaa kunis Waaqayyoo akka Rooba, Nagaa fi Dhala ykn sanyii isaanii baayyisuuf akka ta’e maanguddoonni ni dubbatu.
 
Yeroo baay’ee Oromoonni guyya Irreechaa booda lafa baddaafi badda-dareerra ykn bakka qubatanii socho’anii gara Horaatti loon wajjiin kan itti godaananiidha.
 
Kunis akka jalaqabaafi seensa hojii bara haaratti fudhatama. Irreecha Malkaatin walqabatee waggoottan as dheenyaa kana Hora Harsadiitti guutuu Oromiyaa irraa walitti dhufuun uummanni miliyoonaan lakkaawwamu bifa hoo’an kabajamuu erga jalqabee oolee bulee jira.
 
Horrii Harsadii iddoo Oromoonni Tuulamaa jaarraa dheeraa dura itti Irreeffachaa turaniidha. Harsadiin maqaa namaa yoo ta’u, gosa Liiban keessaa abbaa Malkaa nama tureedha. Akka odeeffannoo manguddoota Galaanitti Liiban gosa naannoo kana qubatee fi Abbaa Malkaa kanaa kan tureedha jedhu.
 
Haaluma kanaan wiirtuu Harsadi Aadaa waaqeeffannaa “Thanksgiving“ godhanii itti Irreeffachaa akka turan seenaan ni hima. Haaluma kanaan yeroo ammaa kanas waggaa keessaa ala tokko Hora Harasadiirratti Oromoonni guutuu Oromiyaafi biyyoota garaa garaa irra dhufuun akka Aadaa Oromtichaatti, faaruu galateeffannaatiin dabaalamee bifa hawwatummaa qabuun bara baraan kabajamuutti jira.
 
Dimshaashumatti Sirni Irreechaa Aadaa fi Duudhaa Oromtichaa waan ta’eef sirna kana qabiyyee isaa osoo hin jijjiirinii fi itti hin makin dhaloota dhufu dhaalchisuuf eegumsa guddaa barbaada.
 
Kanaaf dhaloonni amma jiru kun imaanaa dhaloota darbanii eeguun qabiyyee isaa sirritti hubachuun kunuunsa barbaachisaa ta’e godhuun dhaloota fuula duraaf akka dabarsu dhaamsa qophichaatin akeekaa Galatoomaa jenna.
 
Maddi; Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa
Comments
Loading...