Fana: At a Speed of Life!

Hojiin babal’isuu keessummeessa imaltootaa gariin xumuramuun tajaajila laachuu eegale

0 183
Finfinnee, Fulbaana 15,2011(FBC)- Hojiin babal’isuu keessummeessa imaltootaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleerratti taasifamaa ture gariin xumuramuun tajaajila laachuu eegale.
 
Ijaarsi Doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 45n hojjetamaa jiru baatii 3n booda guutummaan xumuramee tajaajila laachuu ni eegala jedhameera.
 
Keessummeessi imaltootaa ijaarsarra jiru kun waggaatti imaltoota miiliyoona 20 keessummeessuu danda’as jedhameera.
 
Ministirri Ministeera Geejibaa obbo Siraach Fageessaa fi qooda fudhattoonni biroo hojii babal’isuu fi ijaarsa hoteela idil addunyaa abbaa uurjii 5 daawwataniiru.
 
Hoji gaggeessaa olaanaan Daandii Qilleensa Ityoophiyaa obbo Tawaldaa G/madin akka jedhanitti hojiin babal’isuu keessummeessa imaltootaa %83rra ga’eera.
Comments
Loading...