Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukin Siingaapooritti giddu gala odeeffannoo ijaarufi

0 167

Finfinnee, Fulbaana 15,2011(FBC)-Feesbuukin Ardii Eeshiyaatti kan jalqabaa kan ta’e Siingaapooritti giddu gala odeeffannoo Doolaara Ameerikaa Biliyoona Tokkoon ijaarufi

Giddu galli Siingaapooritti ijaarramu gamoo darbii 11 qabuufi lafa ikuweer kiloometira 170 irra kan quabatuudha.

Diizaayiniin ijaarsa isaas haala qilleensa biyyattii ilaalcha keessa galchuun kan qophaa’edha jedhame.

Giddu galli odeeffannoo kun guutumaan guutuutti humna anniisaa haaromfamaa kan fayyadamuu fi dhiyeessii humna aduu biyyattii babal’isuuf kan hojjetu ta’uu beekkameera.

Giddu gallii haaran kunis guyyaa guyyaan suurawwan fi viidiyoowwan feesbuukii irraa naanna’an keessumeessa.

Eeshiyaatti fayyadamtootni Feesbuukii dabalaa waan jiraniif giddu galichi ijaarramuun faayidaa olaanaa qabaata jedhameera.

Bara faraanjootaa 2022tti xumuramuun tajaajila kennuu kan eegaluu ta’a.

Madda፥cnet

Comments
Loading...