Fana: At a Speed of Life!

Waatis Aap tajaajila bilbiloota muraasa irraa adda kutuufi

0 173

Finfinnee, Fulbaana 14,2011(FBC)-Waatis Aap teeknooloojii odeeffannoo dabarsuun addunyaarraa beekkaman keessa adda duree yoo ta’u,maamiltoota biliyoona tokko ol kan qabuudha.

Haa ta’u malee maamiltootni bilbilli isaanii appilikeeshinii Waatis Aappii sirna opireeshinii kan qaban waan ta’eef tajaajuila adda kutuufi jedhameera.

Rakkoon kun kan umaame erga fooyya’iinsi veerzinii 2.8 taasifamee ta’uu eerameera.

Bara faraanjootaa 2021 bilbiloota Ayyifoonii sirni opireeshinii isaani 7 ta’eef deeggarsa taasisu kan dhaabu ta’uus ibseera.

Haaluma kanaan Ayifoonin 4 fi sanaan dura oomishaman bilbila isaanii yoo jijjiiraniin alaatti appilikeeshinii Waatis aappii fayyadamuu akka hin dandeenye hubachiisaniiru.

Sirni opireeshinii isaanii 7 kan ta’e hanga bara faraanjootaa 2020tti Waatis aappii fayyadamuu danda’u.

Madda: Meetroo

Comments
Loading...