Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy jila Dhaabbata Maallaqa Addunyaa waliin mari’atan

0 505
Finfinnee, Fulbaana 14,2011(FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad jila Dhaabbata Maallaqa Addunyaa simatanii mariisisan.
 
Jilli Dhaabbata Maallaqa Addunyaa(IMF) miistar Juuliyoo Eskolaanoon kan duurfamu yammuu ta’u, diinagdee Ityoophiyaa gamaaggamuuf yookin “gorsa waggaa keeyyata IV”fi torbee lama dura Finfinnee kan dhufe.
 
Gareen Dhaabbata Maallaqa Addunyaa kun guddina diinagdee fi faaynaansii Ityoophiyaarratti argannoowwan isaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif dhiyeessera.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadis guddina diinagdee ariifataa biyyattii eegsisuun xiyyeeffannaa isaanii akka ta’e ibsuu isaanii itti gaafatamaan Waajjira Addaa Muummee Ministiraa obbo Fitsuum Araggaan beeksisaniiru.
 
Jilichi Qaammee 5,2010 kaasee amma Fulbaana 17,2011tti guddina diinagdee, imaammata fiiskaalaa, damee maallaqaa fi faaynaansii, akkasumas damee alaa irratti gamaaggama gaggeessa.
Raawwii diinagdee maakroo bara 2010 fi kallattii gara fulduraas ilaalee ni gamaaggama.
Gamaaggama dhumaatinis qaamolee imaammata baasaniif gabaasa ni dhiyeessa.
Jilichi ministira Ministeera Maallaqaa fi Walta’umsa Diinagdee Dooktar Abrahaam Takastaa, hogganaa Baankii Biyyoolessaa Dooktar Yinnaagar Dasee fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun isaa ni yaadatama.
Comments
Loading...