Fana: At a Speed of Life!

Leenjisaa Abrahaam Mabraatuu tabattootaf waamicha dhiyeessan

0 286

Finfinnee, Fulbaana 9,2011 (FBC)-Leenjisaan Garee Kubbaa Miillaa Biyyoolessaa Ityoophiyaa Abrahaam Mabraatuu gulaallii waancaa Afrikaa Keeniyaa waliin qabaniif tabattootaf waamicha dhiyeessan.

Garichi taba gulaallii 3ffaasaa Keeniyaa waliin Fulbaana 30,2011 magaalaa Baahr Daar irratti gaggeessa.

Waancaa Afrikaa 2019f darbuuf, taba Keeniyaa waliin gaggeeffamuuf tabattoota 36f waamichi dhiyaatera.

Tabattoonnis Fulbaana 20,2011 Hoteela Kaappitaalitti gabaasa akka godhan Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Ityoophiyaa waamicha dhiyeessera.

Waaliyoonni taba gulaallii jalqabaatin Gaanadhaan kan mo’aman yammuu ta’u, 2ffaarratti ammoo Seeraaliyoon injifachuun isaanii ni yaadatama.

Tabattoonni waamichi taasifameefis; Saamsoon Asaffaa, Taklamaaryaam Shaanqoo, Tsiyoon Marid,Saaladdiin Bargeechoo, Aschaalaw Taammanaa, Antanah Tasfaayee, Mujib Qaasim, Abdulkariim Mahaammad, Ahimad Rashiid, Amsaaluu Xilaahuun, Heenook Addunyaa, Muulu’aalam Masfin, Amaanu’eel Yoonaas,Abeel Yaalaw, Daawwaa Huxxeessaa, Bahaayiluu Asaffaa, Aaddis Giday, Naatnaa’eel Zallaqaa, Geetaanah Kabbadaa, Kana’aan Maarkinah, Tamasgeen Kaastiroo, Shimakkit Gugsaa, Umad Ukrii, Shimallis Baqqalaa, Biiniyaam Balaay, Gaatooch Paanoomfaadha.

Comments
Loading...