Fana: At a Speed of Life!

Daandichi karoorasaa bara Faranjootaa 2025 milkeessaa jiraachuu ibse

0 154
Finfinnee, Fulbaana 7,2011(FBC) – Daandin Qilleensa Ityoophiyaa karoorasaa bara Faranjootaa 2025 milkeessaa jiraachuu beeksise.
 
Hoji gaggeessaa olaanan daandichaa obbo Tawaldaa G/maaryaam Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, bara Faranjootaa 2025tti guddina %20 galmeessisuudhaf karoorsee hojjetamaa jira.
 
Haata’uutii barichi osoo hin ga’in karooricha milkeessaa jiraachuu ibsan.
 
Karoorri milkeessuf qabame kan daandiiwwan qilleensaa idil addunyaatin wal bira qabamee yammuu ilaallamu garaagartee bal’aa qabaachuu ibsaniiru.
 
Qaqqabamaa fi milkaa’ina galmeessisaa jiruun adda duree akka ta’es kaasaniiru.
 
Xiyyaarota 100 ol qabaachudhaan adda dureedhas jedhan.
Comments
Loading...