Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti fayyadamtootni feesbuukii dhibbentaan 26 appilikeeshinii bilbila isaanii irraa kaasan

0 227

Finfinnee, Fulbaana 7,2011 (FBC)-Ameerikaatti fayyadamtootni feesbuukii dhibbentaan 26 appilikeeshinii feesbuukii bilbila isaanii irraa kaasan jedhame.

Kanneen appilikeeshinii feesbuukii bilbila isaanii irraa kaasan keessaa dhibbeentaan 44 dargaggoota umurii 18 hanga 29 gidduu jiraniidha.

Fayyadamtootni kunneen appilikeeshinicha bilbila isaanii irraa kaasuu kan eegalan bara darbe irraa eegaleeti.

Gama biraatin qorannoon akka addeessetti dhibbeentaan 42 idileen fayyadamuu dhiisaniiru.

Saaxilama odeeffannoo kaambiriij anaalitik hordofee dargaggoonni dhibbeentaa 65 ta’an odeeffannoo dhuunfaa isaanii irra deebin sakatta’anii jiru.

Qorannoon kun fayyadamtoota kuma 4 fi 594 irratti kan gaggeeffame yoo ta’u, dhibbeentaa 17 kan ta’an ji’a tokko keessatti appilikeeshinicha bilbila isaanii irraa kaasuu himaniiru.

Madda: Fooksi niiwus

Comments
Loading...