Fana: At a Speed of Life!

Sababii walitti bu’uu hin malleen ummanni akka walitti bu’u warreen hojjetan ni jiru – Preezdaant Lammaa Magarsaa

0 217
Finfinnee, Fulbaana 4,2011(FBC)-Sababii walitti bu’uu hin malleen ummanni akka walitti bu’u warreen barbaadan waan jiraniif, of eeggannoon taasifamuu qaba jedhan preezdaantin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktarri kabajaa Lammaa Magarsaan.
 
Sababii alaabatiin walitti bu’iinsi magaalaa Finfinneetti mudate kan mudachuun irra hin turree fi dhaabbachuus kan qabudha jedhaniiru.
 
Preezdaant Lammaan ibsa OBNf laataniin akka beeksisanitti, ukkaamsan bara dheeraa sirriitti akka saaqamuu fi dirreen demokraasii akka bal’atu jaarmiyaaleen siyaasaa gara biyyaa galaa jirus jedhaniiru.
 
Yaadas ta’e alaabaa gartuu tokkoo saba biraarratti fe’uuf barrisaa darbeera kan jedhan preezdaant Lammaan, wal dhaggeeffachaa, wal danda’aa, walii obsaa deemun ammoo murteessadha jedhaniiru.
 
Akkuma kanaan dura gaafa isaan keessummaa isaanii simitan alaabaa barbaadan qabatanii baanaan jaalannees haa ta’u osoo hin jaalatin callisne, isaanis gaafa alaabaa barbaanne qabannee keessummaa keenya simannu jaalataniis haa ta’u osoo hin jaalatiin callisanii ilaaluu qabu jedhaniiru.
 
Alaabaa ummanni fedhee fi murteeffatete alaabaa ummataa gochuun ni danda’amas jedhan preezdaant Lammaan.
 
Haata’uutii eenyuyyuu eenyurratti alaabaa namarratti fe’uu hin danda’u jedhan.
 
Ummanni sababii xixiqqaadhan akka waldhabu hojjetamaa jira kan jedhan preezdaant Lammaan, qeerroo fi jaarmiyaaleen siyaasaas dhimmicha xiyyeeffannaadhan ilaaluu akka qaban hubachiisaniiru.
 
Miira keessaa ba’uudhan tasgabboofnee waliin yaa hojjennus jedhaniiru preezdaantin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktarri kabajaa Lammaa Magarsaan.
Comments
Loading...