Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree ADWUI walga’ii idileesaasaa gaggeessuu eegale

0 128
Finfinnee, Fulbaana 4,2011(FBC)- Manni Maree ADWUI walga’ii idileesaa har’a; Fulbaana 4,2011 gaggeessuu eegaleera.
Waltajjii koree hoji raawwachiistuu Adda Warraaqsa Ummattoota Ityoophiyaa(ADWUI) torbee darbe gaggeeffameen dhimmoota gamaaggamamanii fi ajandaalee mana marichaaf akka dhiyaatan murtaa’an irratti kan mari’atu ta’uu Manni Maree ADWUI Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himeera.
Manni marichaa gabaasa yaa’ii dhaabbattummaa 11ffaa; walakkaa baatii Fulbaanatiin booda gaggeeffamurrattis ni mari’ata.
Dabalataan dhimmoota waqtaawaa, dhaabaa fi biyyaarrattis ni mari’ata jedhameet eegama.
Comments
Loading...