Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaa Kaabaa Ameerikaa akeekkachiiste

0 294
Finfinnee, Fulbaana 4,2011(FBC)- Kooriyaa Kaabaa Ameerikaa akeekkachiiste.
 
Ameerikaan Kibxata dhaabbilee Kooriyaa Kaabaarratti qoqqobbii kaa’uu ishee Chaayinaan mormiteetti.
 
Kooriyaa Kaabaa gama isheetin waajjiraalee daldalaa fi diippiloomaasii magaalota Chaayinaa fi Raashiyaatti banuuf hojjechaa jirti.
 
Ameerikaan dhaabbilee teeknooloojii Kooriyaa Kaabaa; Chaayinaa fi Raashiyaa jiran irratti qoqqobbii keessetti.
 
Ameerikaan akka jettutti Kooriyaa Kaabaa hojii nuukleeraa hin dhaabne.
 
Amma kun ta’ettimmoo biyyoota biroo waliin hariiroo uumudhaan galii akka argattu hin barbaaddu.
 
Dhaabbileen teeknooloojii Chaayinaa fi Raashiyaa keessatti hojjetanii fi Ameerikaan qoqqobbii irra keesse ammoo Kooriyaa Kaabatiif maallaqa deeggarsaa laachaa jiru jetti Waashiingitan.
 
Chaayinaa fi Raashiyaan qoqqobbii Ameerikaan Kooriyaa Kaabaarra keessuf deebii ga’aa waan hin laannef, Piyoongiyaang Ameerikaadhan narraa dhaabbadhu jechaa jirti.
 
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Waxabajjii keessa Siingaapooritti hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uunin walarganii mari’atanis qoqqobbii irra kaa’urraa duubatti hin jenne.
 
Ameerikaan qoqqobbiishee akka dhaabdu Kooriyaa Kaabaa akeekkachiisaa jirti.
 
Maddi; Prees TV
Comments
Loading...